Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itiyoophiyaan Baankiileen Biyya Alaa Biyyattii Keessatti Hojjechuu Seera Dandeessisu Raggaasiste


FAAYILII - Bankii Daldalaa Itoohpiyaa, FInfinnee, Adoolessa 31, 2019.
FAAYILII - Bankii Daldalaa Itoohpiyaa, FInfinnee, Adoolessa 31, 2019.

Manni maree bakka bu’ootaa mootumma Ityoophiyaa Qibxata har’aa walgahii taasiseen seera akka dhaabileen Baankii biyya alaa Ityoophiyaa keessatti hojjachuu dandeesisu raggasisee jira.

Seerrii ykn Dambiin bahee kun Baankonii biyya alaa guutummaatii of danda’anii ykn dame banatanii akka hojjatan kan eeyyamuudha. Seerrii bankii biyyalesaa Ityoophiyaatiin qophaa’e kun seraa Kanaan duraa baankota biyya alaatiif banaa hin turee hambisuudhaan hojiin baankii akka banaa ta’u kan taasisuudha.

Baankooliin biyya alaa akka galan eeyyamuun baankota biyya keesaa dadhabsiisuufi balleesuu danda’a yaadinii jedhu mormitootaa irra kan ka’ee yemuu ta’u , bulchaan baankii biyyaleesaa Ityoophiyaa Obbo Maammoo Miretuu baankonni alaa nigaluu jechuun seeraan ala hojjatu jechuu waan hin taaneefi too’annoon irratti akka taasifamu ibsaniiru. Ogeesa dinnagdee kan ta’an Dr. Abdulmenaan Mohaamed baankiin biyaaleesaa Ityoophiyaa yeroo amma aangoo baankiiwwan alaa too’achuu akka qabuu ibsuu isaanii Kenedii Abatee Finfinnee irra gabaaseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG