Komiishinerri deebisanii dhaabuu biyyoolessaa Temesgen Xilaahun hojii kanaaf jecha naannoo Tigraay keessaa loltoota duraanii leenjisuu akkasumas galmeessuu kan dandeessisu magaalaa Maqalee, Idaga Hamusii fi Adiwaa keessatti waaltaaleen sadii qophaa’uu isaaii ibsaniiru.
Komiishiner Temesgeen loltoota duraanii hdhannoo hiikkachisuu dhaan hojiin hawaasatti makuu marsaa afuriin kan raawwatu ta’uu dubbatanii, lotoota duraanii kuma 75 kan ofitti haammate hojiin marsaa duraa bor jalqabama jedhan. Guyyaa borii kan hojii jalqabamuuuf waaltaa leenjii Maqalee kanneen seenan loltoota duraanii 320 irraa hojiin hidhannoo hiikkachiisuu har’a akka jalqabames dubbataniiru.
Loltoonni duraanii kun waaltaalee kana keessatti leenjii adda addaa erga fudhatanii booda gara hawaasaatti akka makaman ibsaniiru. Torban kana magaalaa Maqalee keessatti kan jalqabamu hojiin loltoota duaani simatanii leenjisuu torban dhuftu Idagahamuus keessatti akka itti fufu komiishinerichi ibsaniiru
Marsaa duraatiin naannoo Tigraay keessaa lolttoota kuma 75 baatilee afur keessatti deebisanii dhaabuu kan dandeessisu qarshiin biliyoonni tokko mootummaa Itiyoopiyaa fi doolaarri miliyoonni 60 immooo arjoomtota sadarkaa addunyaa biraa argamuu isaa itti gaafatamaan kun dubbataniiru. Komiishiniin deebisanii dhaabuu biyyoolessaa kan Itiyoopiyaa waggoota lama keessatti naannolee ja’a keessa kan jidran loltoota duraanii kuma 372tti hedaman hawaasatti makuuf karoora kan qabu ta’uu ibsee, kanneen keessaa kuma 275tti kan hedaman naannoo Tigraay keessatti kan argaman ta’uun beekameera.
Loltoota duraanii hidhannoo hiikkachiisanii hawaasatti makuun marsaa afruiin hawaasatti makuuf bajata doolaara miliyoona 761tu nu barbaachisa kan jedhan komiishineichi, kun dandeettii mootummaan ol waan ta’eef qaamotiin adda addaa kan irratti hirmaatan sagantaalee galii walitti qabuu ni geggeessina jedhan. Naannoo Tigraay keessatti ni jalqabama kan jedhamu hojii deebisanii dhaabuu komiishinichaa ilaalchisee, bulchiisa yeroo kan Tigraay fi damee nageenyaa biraa deebii argachuuf yaaliin ta’e hin milkoofne jechuun Gebremikaa’el Gebremedin gabaaseera.
Forum