Xurree ittiin seenan

Breaking News

Itoophiyaan Olompikii Londoniif Atileetota 8 Maratooniif Filattee, Hayilee G/Sillaasee Barana Hin Filatamne


Itoophiyaa Olomipikii London bara 2012 maratoonii fi fiigicha M5000-10,000 atileetota hedduu kopheeffachuutti jirti.Maratooniif atileetoa saddeetitti filatamee dorgommii metirii 5000-10,000 ammoo atileetota keessaa filachuutti jirti.

Warra barana hin filatamin keessaa tokko atileeti Hayilee G/Sillaaseeti.Hayileen qabxii dorgommii Olompikii Londonfiif fedhan hin arganenef hafe.Akka leenjisaa Malaakuu Darrasaatti Hayileen hafullee yaadaa fi gargaarsaan waan isaanuma waliin jiruuf waan nama yaaddessaa hin qabu.

Dorgomtootii maratoonii haga dorgommiin London geettutti asi achi dorgommii gugurdoo hin qabanii shaakaluma irra turan.

Atileetiin Keenyaa beekamaan Gefry Mutaayiillee Olompikii London 2012 dabruu hin dandeenneef hafe.

Gama dhibiin ammoo atileeti Taariku Beqqelee,Leellisaa Addunyaa,fi Sileshi Siin dorgommii kalee Nezerlaanditti dorgoman 1-3 bahanii moohatan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG