WAASHINGITAN, DIISII —
Mootummaan Itiyoophiyaa mooraalee baqataa biyya isaa keessa jiran 27 waggoota kudhan keessatti kan cufuu fi baqattoonnis hawaasa waliin wal makanii akka jiraatan karoora taasisu ifa godhee jira.
Karoorri dhiyeenya ifaa ta’e kun dhimmootii ka biroos of keessaa kan qabu ta’uu bulchiinsi baqattootaa fi kanneen baqaa deebi’aniitti itti aanaa directora kan ta’an obbo Zeeyinuu Jamaal VOAf ibsaniiru.