Ertraan lafa wal falmisiisaa ta’e na jalaa qabatte jechuun Jimaata darbe Jabutiin himannaa dhiyeessuun ishee ni yaadatama. Dhimma kana kan ilaaleen gamtaan Afrikaa ibsa baaseen biyyonni lameen daangaa wal falmisiisaa qaban kan ilaaleen tasgabii akka qabaatan gaafatee jira.
Kunis Jabuutii fi Ertraan gama saa’udii waan goraniif jecha humnootiin nagaa eegsiisan kan Qataar naannoo daangaa gadhisanii eega ba’anii booda ta’e jedhama.
Dubbii himaan gamtaa Afrikaa Ebba Kalondo akka jedhanti qaama dhugaa jiru dhaqee qoratu naannoo daangaa biyyoota lamaanti erguuf jiru.Garu gam lameen irratti walii galuu qabu.Kan bobbaasuuf jirru humnootii nagaa eegsiisan otoo hin taane kanneen haala jiru deemanii hordofan ta’u beekamuu qaba jedhan.
Mootummaan Ertraa Ibsa baasuu irraa kan of qusatee yoo ta’u humnootiin Qaataar naannoo daangaa irraa baafamuu natti hin himamnee jedha.Haala walii gala naannoo sana jiru irratti odeeffannoo ga’aa yeroo argatu ibsa kan basu ta’u mootummaan Ertraa beeksisee jira.
Itiyoophiyaan gama isheen haala kan itti dhiyeenyaan caqasaa akka jirtu beeksiisftee ibsa gamtaa Afrikaa akka deggertu beeksiisfte.
Kana malees biyyonni lameen walitti bu’iinsa muddamiinsa hammeessu irra akka of qusatan akkasumas adda addummaa qaban karaa nagaan akka furatan gaafatte.Kana irratti Tokk mootummotaa akka deggersa godhuus jajjabeessitee jirti.