Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jeequmsaa Burkii Nafaasoo Keessaa


Burkina Faso
Burkina Faso

Jeequmsaa biyya Burkii Nafaasoo keessatii uumameen libbuun namootaa darbee, qabeennya irratti midhaan gahuun isaa gabasameera.

Akka dhaabanii mootumoota gamtomanii dhimmaa baqattootaa Irratii hojjatu UNHCR jedhetti, hidhatoonii eenymmaan isaanii yeroodhaaf hin beekamnne, gandoota 3 keessati manoottan irraa deemanii dhukaasaa namootaa nagga irratti bananii libbuun namootan 10 darbee namoonnii 17,500 qe’ee isaanii irraa buqqa’uuf dirqisisamaniiru.

Dubbii himaan UNHCR Booriis Cheshiirkoov jeequmsa ammaa kanaaf sababa wantii ta’e akka hin beekamne dubbatanii rakkoon akkanaa yeroo ammaa Burkii nafaasoo keessa qofa ittuu hin ta’in, kutaa Sahil jedhamee beekamuu fi kutaa sulula chaad keessatti waggootan lamman kanaa asi akka itti fufee jiru dubataniiru.

Rakkina kana irraa kan ka’ee kutaa Sahil keessatii namoonnii miliyoona 4 ol ta’an jereenyaa isaanii iraa buqqa’aniiru.

Tasgabbii dhabiins fi jeequmsa Burkii Nafaasoottif umnoonnii jahaadistootaa kan balaaleffataman yemuu ta’u , akka walii galaattii namoonii miliyoonii 1.4 wagga lamman darban gidduutii nageenya isaaniitiif jechuudhaaf mana isaanii dhiisanii baqachuu isaanii UNHCR himeera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG