Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jilli Aangawoota Isiraa’el Tigiraayiin Daawwate


Jiilli Israa’eel Tigraay daawwate hooganaa naannichaa wajjin
Jiilli Israa’eel Tigraay daawwate hooganaa naannichaa wajjin

Jiilli Israa’eel itti anaa Afaan Yaa’ii Paarlamaa biyyaatii Moshee Solomooniin durfamu naannoo Tigraay keessatti daawwwannaa guyyoottan sadii taasisee jira. Jiilii Ieraa’eel kun miseensota 6 of keessa qabu kun waa’ee misoomaa qonnaa, ce’uumsa tekinooloojii fi gargaarsaa namoomaa ilaalchisee akkaataa Israa’eel naanoo Tigraay wajjin hojjachuu dandeesu irratti dubbachuu isaanii prezidaantiin bulchiinsa yeroo kan naannoo Tigraay obbo Geetachoo Raddaa fuula saba himaalee irratti eeraniiru.

Jiilli kun warren hida dhaloota Ieraa’eel qabanu Kaaba Tigraay magaalota Addi Da’aaroo fi Inda abbaa Guunaa keessa jiraatan kan dubbise yemuu ta’u, bakkaa awwaalchaa wareen hida dhaloota Ieraa’el qabanuu naanichatti argamu akka daawwate beekameera. Karaa biraatiin jiillii ogeesotaa nageenyaa fi Dipilomaasii miseensota 10 of keesaa qabuufi dhaabbata London keesaa maandhefate “Rooyaal Difeens Koleej” irraa gara Tigraayiin daawwatee waa’ee waligaltee nageenyaa Pritoriyaa fi haala yeroo irraati Dura taa’aa ABUT Dr. Dabre Tsioon Gebremikaa’el wajjin dubbachuun isaanii beekameera.

Jiilchii dhaabilee Siyaasaa naannoo Tigraay keessa jiran biroo wajjinis maryachuu isaanii dura taa’an paartii Areenaa Tigraay Andom Gebere Silaasee ibsuu isaanii Mulugeetaa Astibahaa Maqalee irraa gabaaseera.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG