Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jilli Ertraa Itiyoophiyaa Seenuuf Jira


Waldhabiinsa daangaa waggoota dheeraaf Ertraa fi Itiyoophiyaa gidduu ture irratti kan dubbatu jillii Ertraa kan torban kana Finfinnee kan seenu ta’u Itiyoophiyaan beeksiiftee jirti.

Ministriin dantaa alaa Itiyoophiyaa waa’ee daw’annaa jila Ertraa kana gad fageenyaan hin ibsine.Prezidaantiin Ertraa Isaayaas Afaworqii torban darbe guyyaa wareegamtoota biyya isaanii Asmaraa keessatti kabajan irratti jila tokko gara Itiyoophiyaatti kan ergan ta’u ibsanii turan.

Kunis Mummichi ministeera Itiyoophiyaa Dr. Abiyyi Ahmad walta’iinsa daangaa bara 2000 Aljars irratti tolfame ni fudhanna jechuun eega dubbatanii booda Isaayaas deebii kana kennan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG