Shamarree Laakkaa Mitikkuu Nagaasaa magaala Finfinnee keessatti dhalattee kan guddatte yoo ta'u baruumsa sadrkaa duraa fi lammaffaa fixxee qabxii olaanaan dabartee Yunivarsitii Maqaleetti ramadamtee barnoota Doktorummaa Fayyaa jalqabuuf otuu jettuu maatiin ishee gara Yunaaytid Isteetesitti godaane.
Ameerikaa keessattis digirii duraa Baawulojii fi Saaykoloojiin xumurtee eebbifamuun barnoota ishee itti fufuuf gara kutaa Ohaayoo magaala KIliivlaanditti godaante. Karoora manaa baateef otuu fixaan hin baasiin Amajjii 13 bara 2013 konkolaataa guddaan daandii irraa cabbii haxaa'uu ishee rukutee gara meetra 30 lafa irra eega ishee harkisee booda achitti ishee gatee miliquu isaa polisootaa fi sabaa-himaan naannoo sanaa gabaasaa turan.
Wal'ansa fayyaa jabaa fi wal irraa hin cinnee kan waggaa lama caalaa fudhateen Laakkaan jireenya haaraa akka daa'iima reefuu dhalattutti jalqabde. Dubbachuu, barreessuu, adeemuu fi kanneen biroo tokko jettee jalqabuun jabaattee dhiyeenya kana Yunivarsitii Joorj Waashingtan irraa Fayyaa Uummataa keessattu imaammata Fayyaa (public Heath, majoring in Health Policy) digrii lammataa ykn Maastarsii ishee argachuun eebbbifamtee jirti. Guutuummaa seenaa ishee caqasaa.
Kutaa 1ffaa:
Kutaa 2ffaa: