Qara nama 20 olitti pirezidaantii Amerikaa tahuuf paartii Demokiraati keessaa waldorogmaa bahe.
Waluma buusaa dhufee tokko hafe.Tokkochii sun jaarsa ganna 77 ka bara isaa haga guddaan hujii mootummaa Amerika akeessaa hojjahaa bahe,Joe Biden.
Biden durii itti aanaa pirzidaanti Obaamaa tahee ganna saddeetu Amerikaa bulchaa bahan.
Ammma isaa fi pirezidaanti Tiraampitti huji pirezidaantummaa irratti wal hafee dorgommiitti jira.
Joe Biden nama duri isa waliin dorgomee eegee jala hafe, dubartii gurraatti, Kamala Harris itti aantu pirezidaanti tolfatee dorogmuuf filatee addunyaatti labsate.
Biden hujii tanaaf haawwan hedduu wal dorgomsiisaa bahe. Kamala Harris filate.Dubartii gurraattii hujii akkanaatiif Amerikaatti filan ta qaraa. Hiddii dhaloota isii Eezhiyaa gama ibbaati.
Kamala Harris waahela tolfadhee waliin dorgomuf ulfinna guddaan filadhe jedhee isanti hima.Qabsooftuu wa hin sodaanne, hiyyeessaaf dubbattu,nama ummata Amerikaatiif hojjatu jajjabaa keessa jirti jedhee Twitter ufii irratti barreesse Biden.
Joe Bidenii fi Kamala Harris duruu hujii irratti wal beekan.Gaafa Harris abbaa alangaa addaa godina Kalifoorniyaa taatee hojjachaa baate, ilmii Biden Beau Biden abbaa alangaaa addaa Delaware.
Ilma isaatii fi Harrisiin waliin hojjachaa bahan.Sodaa malee baankilee gugurdoo himatanii ummataaf qabsaahan.Haadha iyyeessaatii fi ilmaan iyyeeyyiif qabsaahanii beeka.Hujii isiitti gaafasiiyyuu gammadee.Natti aantee hujii tana waliin hojjachuullee ittuma gammada jedhe Twitter ufii irratti barreesse.
Kaamla Harris warra dorgommii pirezidaantummaa keessaa ufi jalaa buusan keessaa tokko.Gaafa dorogmtu suniiyyuu Biden waan hedduun faariste.
Joe balchaa.Nama bulchiinsa irratti guddoo saadaniifaarsan.Bara jabaa Amerikaa nama isi bulchu jabaa barbaadachuutti jirtu keesastti isatti biyyaaf male jetteen.
Harris,nama ganna 55, Oakland, Kaalifoorniyaatti dhalatte.Abbaan Jameeyikaa haadhaan ammoo nama Indiiti. Yuniversitii Kaalifoorniyaati seeraan eebifamte.
Ganna 20 caalaa abbaa alangaa Sanfiransiskoo fi Kaalifoorniyaa taatee hojjacha baate.
Godina Kaalifoorniyaatti paartii demokiraatiif dorogmtee senetarea godina suni taatee ganna afuriin duratti DCtti galte.
Jalqaba duula filannoo pirezidaantummaa Amerikaa barana kanaa irratti akka dansaa moohachaa dhufte eegee ammoo dadhabdee keessaa baate.
Gaafa duula filannoo sun irratti waan hedduun qancarsanii ufi jalaa buusan.Itti aantu Biden taatee dorogmuuf filannaan ammoo nama hedduuutti faarsuutti jira.
Amerikaan guyyaa 82n duubatti pirezidaantii filattii. Joe Bidenii fi Doolandi iraampitit wal dorgoma