Kan prezidaatummaa Yunaaytid Isteetesiif filataman Joo Baaydiin qabeenya mootummaa hanga tokkotti gargaaramuu akka danda'an akkasumas akka seera bara 1964 ba'eetti ce'uumsa sirna qabeessa gaggeessuuf akka danda'aniif bulchiinsa tajaajiila walii galaa ka biyyatti murteessee jira.
Baaydiin hanga Amajjii 20 dhufu kakatanii aangoo qabatanti bulchiinsa ofii qindeeffachuu mul'ata gama imaammataan qaban kan yeroo hojii jalqaban hojii irra olchaniif aangawoota ramaduu fi akka hojii jalqabaniif nageenya Amerikaa irratti battaluma hojii jalqabuu barbaadu.