Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaant Joo Baayiden Dorgommii Filannoo Prezidaantummaa Bara 2024 Keessaa Bahan


FAAYILII - Prezidaant Joo Baayiden haasaha yeroo godhan, Waayit Hawus, Adoolessa 11, 2024.
FAAYILII - Prezidaant Joo Baayiden haasaha yeroo godhan, Waayit Hawus, Adoolessa 11, 2024.

Prezidaant Joo Baayiden eega dhimmi umurii isaanii wal-fslmsiisaa tahee turee booda fi falmiin isaan marsaa jalqabaaf mormituu isaannlii Doonaald Traamp waliin taasisan yaaddoo gama dimookiraatotaan jiru daran dabalee booda, dorgommicha prezidaantummaa bara 2024 keessaa kan bahaa jiran tahuun himamee jira.

Yeroo filannoon gahuuf baatiileen hafanitti, kun paartii dimookiraatotaa keessatti muddama uumuuf jira, jedhama. Dimookiraatonni Eenyu bakka Prezidaant Baayiden akka bu’u kaadhimaan ifatti kaa’atan hin jiru. Baayiden duulala kaadhimamummaa geggeessaniin haga ammaatti sagalee bakka-bu’ootaa irra jireessa mo’atanii waan jiraniif, tokko irraa kan hafe dorgommii kaadhimamummaa waan injitanii waan jiraniif, silaa dorgommicha keessaa hin baanee paartii isaaniin sirnaan kaadhimamuutti dhihaatanii jira.

Amma Baayiden waan dorgommicha keessaa bahanii, bakka-bu’oonni isaa kaadhimamaa ka biraa dorgomuu danda’u. Sana booda deemsichi maal akka tahu waan ifatti beekame hin jiru

Forum

XS
SM
MD
LG