Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ministarri Dhimma-alaa Yunaayitid Isteets Yeroo Taayitaan Isaanii Xumuramuutti Dhihaate Kanatti Dhimma Isiraa’elii fi Faalastiin Laalchisee Haasawa Cimaa Godhan


 Ministarri dhimma-alaa Yunaayitid Isteets , Joon Keerii
Ministarri dhimma-alaa Yunaayitid Isteets , Joon Keerii

Ministarri dhimma-alaa Yunaayitid Isteets – Joon Keerii, waa’ee Isiraa’elii fi Faalastiin akka biyyoota lamaatti wal-cina jiraachuu irratti karoorri bal’aan baafame akka itti fufu gaafachuuf kaleessa yeroo taayitaan isaanii xumuramuutti dhihaate kanatti haasawa dhageessisanii jiran.

Haasaan har’a Keeriin waajira ministirii dhimma-alaa Yunaayitid Isteets irraa dhageessisan kanaan – haala itti wal-dhibdeen yeroo dheraaf ture furamuu danda’u irratti mul’ata walii-galaa ka dhiheessan yoo tahu, gama biraatiin Yunaayitid Isteets, dhimma kanaa irratti murtii golli naga-eegumsaa Tokkummaa Mootummoota dabarse, kan Israa’el ijaarsa manneen qubinsaa babal’isuu qeeqe keessaa ba’uuf murteessuu irratti qeeqa dhihaataa ture of irraa deebisuutti fuuleffatan.

Hojiin dippiloomaasii yeroo xumura Prezidaantummaa Obaamaa kanatti mumul’atu, kan Israa’eliin qeequ kun – hoogganoota Israa’el, akkasumas seera-tumtoota Dimookiraatii fi Ripubilikaanii irraa qeeqa hordofsiisee jira.

XS
SM
MD
LG