Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kaamalaa Haaris Kaadhimamtuu Pireezidaantii Paartii Dimookiraatootaa Kan Bara 2024 Ta’uu Ifatti Fudhatte

Kaadhimamtuu Pirezidaantii Dimookiraatotaa fi Itti Aantuu Pirezidaantii Yunaaytid Isteets, Kaamilaa Hariis, Dimookiraatotaa irratti haasaha gochuun booda, Yunaayitid Seenter, Chikaagoo, Hagayya 22, 2024.

Yaa’ii biyyaaleessaa paartii warra Dimookiraatootaa Kutaa Chikaagootti taa’amaa jiru kan guyyaa 4ffaa isa qabateeru fi har’i guyyaa yaa’ichaa dhumaa ta’erratti Itti aantuun pireeziidaantii Yuunaayitid Isteetisi Kaamalaa Haariis kaadhidhaamtuu pireezidaantii paartii warra Dimookiraatootaa ta’uun filatamuu fudhachuu ibsiteetti.

Ji’a tokko dura erga Pireezidaanti Joo Baayideen irra deebiin filatamuu akka hin feene beeksiiseen booda Kaamalaa Haaris Kaadhimamtuu pireezidaantii paartii dimookiraatootaa ta’uu ishee kan fudhatte. Galmee mul’a ishee morkataa ishee Rippaabulikaanii pireezidaantii duraanii Doonaaldi Tiraampi waliin wal cinaa qabuu irratti xiyyeeffachuun seenaa jireenya dhuunfaa ishee filattoota jireenya gidduu galeessaa waliin wal bira qabuun haasaa ishee kan dhageessifte , Urjii Kamisa galgalaa yaa’ii biyyaaleessaa paartii warra dimookiraatootaa taateetti. Abbaa Alangaa ta’uun hojii hojjechaa turte ibsuun seenaa ishee kan dubbatte Kaamalaa Haariis morkataan ishee DoonaldI Tiraampi mana murtiitti dhiyaatee yakkamaa jedhamuu wal cinaa qabuun kaasteetti.

Kaadhimamtuu Pirezidaantii Dimookiraatotaa fi Itti Aantuu Pirezidaantii Yunaaytid Isteets, Kaamilaa Hariis, guyyaa dhumaa yaa'ii biyyoolessaa Dimookiraatotaa irratti haasaha gochuun booda, Yunaayitid Seenter, Chikaagoo, Hagayya 22, 2024.

Kaamaalaa Haariis maatiin isaanii falmattoota mirgaa akka ta’anii fi dhimma kanarratti akka wal baranii bultii horatan himuun anaafis fakkeenya ta’aniin gara abbaa alangummaatti akka dhuftuufis waan maatii ishee irraa dhaalte ta’uu ibsiteetti.

Haadha ishee kalaqtuu jechuun kan ibsite Kamaalaan abbaan ishee akka ani hin sodaanne nama na taasiise jetteetti. Bara hojii koo keessattis maamila tokko qofaan qaba innis “ Uummata” jechuun ibsiteetti. “ Bakka uummataa bu’uun , uummata Ameerikaa hundaaf paartii isaanii gidduu galeessa osoo hin godhatiin, sanyii isaanii , Koorniyaa, ykn afaan akaakkayyuun isaanii dubbatan , afaan haati isaanii dubbatan fi eenyuuyyuu yoo ta’an adeemsa dhuunfaa isaanii keessa osoo hin seeniin , akka uummata Ameerikaa isa ani keessatti guddadheetti uummata hojii jabaa hojjetu, abjuu isaanii galmaan ga’uuf fi seenaa eenyuyyuu kan lafa guddaa kanarratti barreefameen kaadhimamtuu pireezidaantii Yuunaayitid Isteetisi ta’uu koo fudhadheera.”

Pireezidaantii Ameerikaanoota hundaa ta’uuf waadaan seena kan jette Kaamalaan “ Biyya paartii fi dhuunfa koon ol akkan taasiisu yoomiyyuu na amanaas “ jetteetti.
Kaamalaa Haaris seenaa keessatti dubartii gurraattii Eshiiyaa Ameerikaa ishee jalqabaa kaadhimammummaa pireezidaantii paartii irra guddeessa argattes taateetti.

Kaadhimamtuu Pirezidaantii Dimookiraatotaa fi Itti Aantuu Pirezidaantii Yunaaytid Isteets, Kaamilaa Hariis, guyyaa dhumaa yaa'ii biyyoolessaa Dimookiraatotaa irratti haasaha gochuun booda, Yunaayitid Seenter, Chikaagoo, Hagayya 22, 2024.
Kaadhimamtuu Pirezidaantii Dimookiraatotaa fi Itti Aantuu Pirezidaantii Yunaaytid Isteets, Kaamilaa Hariis, guyyaa dhumaa yaa'ii biyyoolessaa Dimookiraatotaa irratti haasaha gochuun booda, Yunaayitid Seenter, Chikaagoo, Hagayya 22, 2024.

Dhimma imaammata alaa irratti haasaa dhageessisteen Yuukireenii fi NATO cinaa akka dhaabbattu dhaaddattetti. Dhimma Gaazaa irrattis pireezidaanti Joo Baayideen waliin ta’uun waraanichatti xumura taasiisuuf hojjechaa jiraachuu dubbattee, Walii galteen dhukaasa dhaabuu fi boojimatoota gdhiisuu xumura ni argata “ dararaan Gaazaa keessaas xumura ni argata, uummanni Paaleestiin kabaja mirga isaa ni dhugoomfata” jetteetti.

Israa’eel mirga ofirraa ittisuu qabdis jettee , Israa’eel ofirraa ittisuutti waan gootu cinaas nan dhaabbadha jeete.
Haariis kan filatamtu yoo ta’e Seenaa Pireezidaantummaa Yuunaayitid Isteetsi keessatti pireezidaantii Dubartii ishee jalqabaa taati. Bara 2016 tti Hilaarii Kiliintan kaadhimamaa Rippaabilikaanii ammaa waliin kan dorgomtee sagalee baay’ee xiqqaan kan injifatamte.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG