Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kaampaaniin Afrikaa Kibbaa Talaalii KOOVIID-19 Ittisu Omishuu Akka Jalqabuuf Walii Galamee Jira 


(Suuraa faayilii)
(Suuraa faayilii)

Kaampaaniin talaalii farra KOOVIID-19 oomishan kan Amerikaa FaaZar fi Bayoteek kaampaanii Afrikaa kibbaa tokko waliin tallaalicha omishuun Afrikaa keessatti akka raabasuuf walii galanii jiru.

Kanas kaampaanileen Amerikaa kun Robii har’a kan beeksiisan yoo ta’u dhaabbatii Baayoovaak jedhamu kan Afrikaa Kibbaa Keep Taawoon keessatti argamu bara egeer jechuun 2022 jalqabee waggaa waggaan talaalii nama tokkoof al tokko kennamuu ykn Dozii miliyoona 200 waggaa waggaan oomiisha.

Kaampaaniin Afriikaa Kibbaa kun waan tallaalii hojjachuuf barbaachisan mara biyyoota Awuroopaa erga ergameefii booda,walitti makee akka namaaf kennuuf toluutti bilqaaxxii xixxiqqatti naquun qopheessee eega saamsee booda biyyoota Afrikaa 54 raabsa.

Walii galteen kun hanqiina talaalii Afrikaa mudatee furuuf kan jiru yoo ta’u waaltaan ittisaa fi to’annaa dhullubootaa kan Afrikaa akka jedhutti, hanga ammaatti uummata ardii Afrikaa Biliyoona 1.3 keessaa harka 2 qofaatu yoo xiqqaatee talaalii tokko qofa talaalalmee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG