Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kanneen Oromiyaa fi Beenishaangul Irraa Buqqa’an Walloo Kibbaa Dhaqqabuun Gabaasame 


Faayilii - namoota tanaan dura Benishaangul Gumuz irraa buqa'an
Faayilii - namoota tanaan dura Benishaangul Gumuz irraa buqa'an

Oromiyaa fi naannoo Beenishaanguul keessa kanneen jiran dhalattoonni Amaaraa rakkoo nageenyaa naannoo sanatti umameen qe’ee irraa buqa’anii godina walloo kibbaa seenuu isaanii waajjirri ittisa balaa fi wabii nyaataa beeksisee jira.

Itti gaafatamaan waajjirichaa obbo Mesaay Maaruu VOAf akka ibsanitti naannoo Oromiyaa Walllaggaa fi Beenishaangl keessaa sababaa nageenyaaf jecha qe’ee irraa kan godhaanan dhalattoonni Amaaraa 827 qabeenyaa fi mana dhiisanii guyyoottan sadan darban Walloo kibbaa seenan jedhan.

Kana dura naannoo sana irraa ergamee kan ture deggersi nyaataa fi kan nyaataa hin ta’in buqqaatota kanaaf ergamuu ibsaniiru. Haa ta’u malee akka baay’ina isaaniitti deggersichi ga’aa miti jedhan.

Hanqina sana guutuu dhaan jiraattonni magaalaa Dasee keessumaa deggersa dargaggoonni godhan galateeffataniiru.

Qindeessaan komaand poostii naannoo benishangul Gumuz, letenaa jeneraal Asraat Deneeroo yaaddoos ta’e qe’ee irraa buqqa’uun naannoo dhiisanii deemuuun jiraachuu amananii, kanneen qe’ee ofii irraa godaanan deebisuuf hojjetamaa jira jedhan.

XS
SM
MD
LG