Dhaabani hawaa Keeniyaa akka jedhetti wanitii sammii irraa konyaa Maku’eni ganda Mukuruu keessatti Muddee 30 bara 2024 akka lakoofsaa biyyaatti guyyaa Sa’atii 9 irratti bu’eefi amartii sibiilaa fakkatuu, naannoo isaa meetirii lamaa fi walakkaati kan safaramee yemmuu ta’u, ulfinii isaa imoo kiiloogiraamii 500 kan ta’eedha.
Qorannoon jalqabaa dhimichaa irratti tasifame akka agarsiisetti siibiilichii rookeetii gara hawaatti ergaman irraa waan fotoqee gara lafaatti furgugaa’e ta’uu hin oolle.
Taatechii waan adda ta’uu isaa kan ibsee dhaabbanni hawaa Keeniyaa madda isaa qorachaa akka jiru beeksisee, jiraattonni akka jeeqamuu hin qabne gaafatee jira.
Bara 2022 sibiilli samii irraa garaa lafaatti furguga’e biyyaa Austiraaliyaa bakka hormaata hoolotaa keessatti kan kufee yemmuu ta’u, jalqaba bar 2024 dhaabbanii hawaa yunaayitid isteets NASAn rookeetii gara hawwatti furgugeesse irraa wantii fotoqee bahe tokko mana jiraatotaa kutaa Filooriidaa irratti waan kufee miidhaa geesiseef mana murtiitti himannan NASA irratti dhihachuun isaa gabaasameera.
Forum