“Amajjii 4 bara 2021 kaasanii ni Manneetiin Barnootaa marti ni banamu. Kunis warra oolmaa daa’immanii, haga kutaa 3, 5 haga 7, 9 haga 11 warra jiru hundumaa kan ilaallatuudha” jechuun ibsan Magoohan.
Magoohaan murteen kun erga Pirezdenti Keeniyaattaa waliin mariin gaggeeffameen booda ka darbe ta’uu himanii, sagantaan barattoota kaanii ka Kanaan dura barnoota jalqabanii waan jeeqameef sanas ministeerri barnootaa biyyattii lafaa qopheessuu ifa taasisaniiru.
Haa tahu male weerarri Vaayresii Kooronaa ammas Keeniyaan keessatti dabalaa jira. Kaleessa qofaa vaayresiin kun namoota dhibba sagalii olirratti ka argame yoo tahu, isaan keessaa 38 barattoota mana barnootaa Kutaa bulchiinsa Baaringoo jedhamtu keessatti baratan ta’uus himamee jira. Yeroo kana ministeerri barnootaa gaafatamanii, Vaayressiin kun jiraatus, isuma waliin jireenya keenya, barnootas gaggeessuu barachuu qabna jechaan deebisanii jiru.
Ibsi Ministeerri Fayyaa keeniyaa kaleessaa fi harra qofaa biyyattiitti namootni 38 Vaayresii Kooronaan lubbuun darbuu agarsiisa.