Maratooniin Boston dorgommii IAAF,Federeshiiniin Atileetiksii Addunyaa dorgommii gugurdoo jedhee moggaase shanan keessaa tokko.Dorgommii Boston,Amerikaatti dorgoman marroo 116essoo tana irratti atileetota kuma 20 caalanitti dorgome,hagii kuma shanitti dhiyaatu ammoo laftii akka malee itti oowwitee dorgomuu dhiise.
Maratoonii dhiiraa tana irratti Wesley Korir, 2:12:40 fixate,ta dubraa ammoo Sharon Cherop isiilleen 2:31:50tti moohatte.Keenyaan maratoonii tana dhiiraa fi dubralleen 1-3 baatee mootummaan galatte.
Atileetiin Itoophiyaa Firehiywot Daadoo 4essoo,Gennet Geetaanee 11essoo Gebremariam, Gebregziabher ammoo 14eessoo bahe.
Akka obbo Melaakii Dirribee,leenjisaa atileetii Itoophiyaa jedhetti namii dorgommii tana irratti qabxii dansaa argate,dorgommii Oloompikii Londonii fi filatamuu fa dandahaa tahuu baannaan hin hafa.Akkuma kanaan Itoophiyaa fulaa akka akakatti nama dogrommii Londoniif isii fulaa bu’u filachututti jirti.
Mee Qophi Ispoortii MP3 irraa nuu caqasaa