FINFINNEE —
Kongresiin Federaalistii Oromoo mariin biyyoolessaa mootummaan Itiyoophiyaa qopheessuuf karoorfate kanneen kallattii adda addaan qawwee qabatanii lolaa jiran dabalee gareelee mara kan hirmaachisuu akka tahuu qabu hubachiise.
Kongresiin Federaalistii Oromoo, mariin biyyoolessaa utuu hin geggeessamin dura, barbaachissoo dha kanneen jedhe haal-dureewwan afur lafa kaa’uu isaa itti gaafatamaan waajjira paartichaa obbo Xurneh Gamtaa VOAf ibsaniiru. Yaada KFO dhiyeesse kana irratti mootummaan hanga ammaa waan jedhe hin qabu.