Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kobe Biraayanti,dorgommii qofaa mitii nama qalbii qabu namummaan keessaa mullattu jedhee diqqaa fi guddaalleen boohuufiitti jira


Los Angeles Lakers forward Kobe Bryant (24) drives down the court against the Oklahoma City Thunder during the first half of an NBA basketball game in Oklahoma City, Monday, April 11, 2016. (AP Photo/Alonzo Adams)
Los Angeles Lakers forward Kobe Bryant (24) drives down the court against the Oklahoma City Thunder during the first half of an NBA basketball game in Oklahoma City, Monday, April 11, 2016. (AP Photo/Alonzo Adams)

Diqqeennaanuu maqaan ilaa fi gurrii isaa addunyaa guute.Marroo hedduu shaampiyoona NBA,National Basket Ball Association tahe.Sunumaan namaa fi qabeennallee hore.

Biraayanti nama qalbii qabu ka addunyaan waan hedduun faarsitu.Ammajii 26,2020 balaa xuyyuuruymaan isaatiin lubbuu dhabe.

Dootii Koobi Biraayanti nama hedduu rifachiise.Warri isportii jaalatu nama kana waan jennee faarsinuun dhabuutti jirraa jedha.

Biraayanti nama Amerikaa fi addunyaatti kubbaa saaphannaan taphachuun maqaa bafate

Intala isaa anga Gianni waliin balaa suniin Los Angelse,Calabas,Kaaliroofiyatti lbalaa kanaan lubbuu dhabe.

Kobe Bryant y su hija Gianna, de 13 años.
Kobe Bryant y su hija Gianna, de 13 años.

Silaa wal dorgommii kubbaa kaachoo ijoollee kahimaa yaahuutti jiran.

Xuyyuurii kun ganama akka saatii Itoophiyaa saatii 3 fi daqiiqaa 47 raasaa keessatti lafa dhahee gaaziin achi irra yaate lafallee gubde.

Warrii ilaan arge xuyyuutii isaa sun oli gadi bubbu’aa lafa dhahe jedha

Poolisiin Los Angeles ta caaccaba xuyyuura Kobe Biraanyanti lafaan dhahe barbaade dhaxxe akkana jette.

"Lafa innii itti caacabetti bahuun makaraa guddoo tokko.Amma naminuu fulaa itti caaccabe sunitti baafate.Waan balaa kanaa qorahcuutti jiran. Biriyaanti tiraafikii Los Angeles ka karaa cufu irraa goruuf jedhee xuyyyyuuraan deeme.”

Nama isa waliin dhumate ammatti maqaa hin dhoomne.Dootii tun nama hedduu rifachiifte

Doonaldi Tiraampi tun oduu akka malee hamtuu jedhee Twitter ufi irratti barreesse.

Jaartiin isaa Melaaniyaan Tiraampi ammo Kobe Biriyaanti walumaan dhamnee jette.

Pirezidaantin Amerikaa ka durii Baraak Obaamaa Biraaynati silaa jireenna isaa ka lammeessoo ka namii dorogmmii keessaa bahe jiraatu jalaqabuutti jira jedhe.

Namii dorgommii kubbaa saaphannaa keessatti nama cufa caalaa goolchii galche Biryaanti nama jabaa dorgommii caala namummaan isaatin faarsan jedhe.

Taphataan kubbaa kachoo beekamaan Amerikaa Shaquille O'Neal, eegii Kobe Biryaanti du’ee dhagahee ani fayyaamitiityyuu jedhe barreesse.

Taphattootii kubbaa harkaa fi miilaa Amerikaa Tom Brady fi taphataan dorogmmii Hockey Amerikaa Wayne Gretzky tun waan rifahciisee nama bakasaati jedhan.

Warrii dorgommii NFL daawwachuuf dhufe istaadiyoomuma keessatti maqaa Koobe Koobe jechaa faarse.

Xaliyaanatti gareen kubbaa miilaa AC Miilan nama ispoortii jabaa qalbii teenna keessaa hin badu jedhee faarse.

Nama kuma hedduutti istaadiyoomii kilabiin Kobe Biraayanti itti taphattu ka Los Angles taphatu Staples Center keesastti dhfuee booheef.

Koobe Biryaanti ganna 41tti lubbuu dhabe. Gaafa gannii isaa 17 dorgommii basketball jalqabe kilabii Lakers,Los Angeles taphata.

Bara 2016 dorgommii dhiisee jireenna ufii jireenna ufiitti deebi’e.Biraayanti marroo shan shaampiyoonaa NBA tahe.

Bara 2008 keessa ammo taphataa beekamaa MVP jedhanii badhaasan.Taphataa baraa hin jiijjiirrre jedhamee nama afreessoo.

Dhalootii Amerikaa Filadelfiyaa diqqeennaan haga guddaan Xaliyaana jiraate. Xaliyaanii lafa abbaan isaa dorgommii basketball ykn kubbaa kachoo dhiisee jennaan itti gale.

Achii deebihee jennaan mana barumsa sadarkaa lammeesso keessaa garee NBA, National Basketball Association,filatan

Dorgommii dhiisee jennaan bara 2017 keessa walaloo ‘Dear Basketball’ jedhu baase.

Kobe Biraayanti abbaa warraati jaartii isaa Vanessa Laine Bryant gaafa isiin ganna 18 fuudhe gaafasitti innii nama ganna 22. Eegii sunii dhiphuu fi bal’innallee walumaan bahan joollee dubraa afurii fi horii miliyoona hedduu walin horan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG