Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kongireesiin U.S. doolara biliyoona 900 Koronaa irratti biyyaan gargaranI fi bajaa mootummaa isaa doolara Tiriliyoona 1.4 baasuuf walii gale


FILE-The U.S. Capitol during a morning rainstorm, after Congress agreed to a multi-trillion dollar economic stimulus package created in response to the economic fallout from the COVID-19 Coronavirus, on Capitol Hill in Washington, March 25, 2020.
FILE-The U.S. Capitol during a morning rainstorm, after Congress agreed to a multi-trillion dollar economic stimulus package created in response to the economic fallout from the COVID-19 Coronavirus, on Capitol Hill in Washington, March 25, 2020.

Kongireessiin mana maree fi senetii paartii Amerikaa lamaanii kun lamaanii Rippaabilikaanii fi Demokiraati karoora horii ittiin baasuuf barreeffama fuula 5,000 caaltu tana irratti qoratetti adoo saatiin jarii waan kana mari’atee fixuu malee diqquuman hin dhumatin Wiixata halkan walii gale.

Pirezidaanti Tiraampi waan kongireeessiin irratti walii gale kana mallatteessuuf eeguuti jiran.Rippaabilikaanii fi Demoraati hori kana eenuu akka argatuu fi hagam akka argatan wal falamaa bahan.

Akka gabaasa yuniversitii Johns Hopkins baaftetti Amerikaatti gaafa guyyaatti nama kuma 200 irratti COVID-19 arganitti jira.

Amerikaatti nama kuma 319 caalaatti koronaan lubbuu dhabe.Akka kongireesiin irratti walii galette gargaarsa marsaa ammaa kanaan nama miliyoona hedduutti doolara 600 argata.

Warrii galiin isaanii gannatti doolara kuma 75 caaltu ammoo 600 gadi argata.

Akka Ministear Maalqa Amerikaa, Steven Mnuchin jedhetti namii miliyoona hedduu torbaan dhufuuyyuu horiin kun harka gaha.

Amerikaan dhiba koronaa kana irratti biyya gargaaruuf jettee Bitootessa keessaa nama miliyona hedduutii doolara 1,200 qoodde.

Horiin amma kennan kun kana keessaa doolarii biliyooa 284 akka dhaabbileen daldalaa nama qaxaruu dandahan humnaan jajjabeessuuf kennaniif.

Warra hujii hin qamnee ammoo torbaanitti doolara 300 ji’a 11 qooduuf walii galan.

Doolara biliyona 900 kongireesiin biyyaan gargaaruuf hajaje keessaa;

  • Biliyoonii 82 yuniverstii fi maneen barnotaati
  • Biliyoona 25 akka maneen kiraa gatii laaftuun namaa kireessaniin jajjabeessan
  • Biliyoonii 15 manneen tiryaatitiiF
  • Biliyoonii 10 ammoo maneen oolmaa ijoolleetiif qoodan.
  • Biliyoona 4 ammoo akka biyyootii dhibiin qorsa dhiba koronaa irrati ufiin gargaaran qoodaniif.

Tana maleellee horii ummata Amrikaati kennanitti guddaati jira akka bulchootii Amerikaa jedhanitti. Dhiba koronaa irratti kophuma itti hin rakkattan biyyitii isan waliin jirti jedhu bulchootii isii.

Joe Biden ka pirezidaantummaa Amerikaatiif filanii labsaniifilleen waan paartiin lamaan irratti walii galte guddoo irraa jaalannee jalqaba malee dhumaa miti jedhe.

Tana malee Amerikaan bajata mootummaan isii haga Fulbaan dhufuu hujiin hojjatu doolara tiriliyoona 1.4 hajaje.

Horii kana keesaa ka gibiraan namaa diqqeessan doolara biliyoona 45 ka geejjiba baaburaa akka Amtrack ittiin jajjabeessanii baasan. Doolarii biliyoonii 13 ammoo warra nyaata barbaaduu ji’aan gargaaran.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:57 0:00
More
XS
SM
MD
LG