Xurree ittiin seenan

Breaking News

Konkoolaataan Gargaarsaa Fe’an Tigraay Akka Hin Seenneef Hin Dhorkamnee: Bulchiinsa Naannoo Amaaraa


Pirezdaantii Bulchiinsa Naannoo Amaaraa (suuraa faayilii)
Pirezdaantii Bulchiinsa Naannoo Amaaraa (suuraa faayilii)

Midhaan gargaarsa dhala namaa gara bulchiinsa nananoo Tigraayti ergaman irratti sakata’aa cimaa eega gaggeeffamee booda hatattamaan uummata akka dhaqqabu gochuuf hojjatamaa kan jiru ta’u mootummaan bulchiinsa nannoo Amaaraa beeksisee jira.

Dubbii himaa bulchiinsichaa kan ta’an Obbo Gizaachoo Mulunah RSA waliin haala yeroo irratti gaaffii fi deebii gaggeessaniin, akka jecha isaanti harcaatuun TPLF midiyaa hawaasaa irratti kokolaataan midhaan gargaarsaa fe’an bulchiinsa naannoo Tigraay akka hin seennee bulchuinsii naannoo Amaraa ittisee jira jechuun oduun oofan gonkumaa dogoggoora jedhan.Inumaayyuu gargaarsii kun hatattamaan akka dhaqqabu bulchiinsii naannoo keenya haala mijeessaa jirra jedhan.

Konkolaataa midhaan gargaarsaa fe’an sakata’uun dirqama ta’u fi ituu hin sakata’amiin kan darbuu akka hin jiraanne ibsan.

Addi Bilisummaa Uummata Tigraay (TPLF) gidduu kana humnii addaa kan kan bulchiinsa naannoo Amaaraa Walqaayiitii fi Raayyaa keessaa gadhiisee akka ba’u ibsa baasee irratti kan gaafataman obbo Gizaachoon, waa’een walqaayit kan mariif hin dhiyaannee fi galmee cufamee jechuun deebii kennan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG