Xurree ittiin seenan

Breaking News

Koronaan Awurooppaa keessatti dabalaa deemuutti jira ardiin tun lafa cuccufattee ufi irraa eeguuf falachuutti jirti


coronavirus tests3
coronavirus tests3

Gara nama miliyoona 20 dhiyaatu irratti argan kuma dhibba hedduu fixe Vaayireessiin kornaa addunyaa miila jalaa guuree eegii manatti raree ji’a shan yaayyuu caale.

Awurooppaa keessaa Spain nama kuma 300tti dhiyaatu irratti arganii kuma 30 dhiyaatu irraa galaafate.

Ispeen, Katoliinaa lafa afaan galaanaa qubattu namii bahee daawwatuu keessa oolu.Amma lafa keessaa baqatan tahuutti jirti.

Katoliinaa qara cufanii nama itti seenuu dhowwan taan ammoo cuftii taan laaluna tokko waluma jalaan banuutit jiran.Biyyiti hedduun ammoo nama Katolina Spain dhaqee gale turanii ufi laallatan malee ufiti seenuu dhowwuutti jirti.

Belgium fi Laksembooring faatillee lafa dhukkubii kun itti deebi’ee wareeruutti jirti.Teessoo mootummaa Beljiyeem, Aantiwerp keessatti koronaan humna jabeeffatee keessaa nama baasuutti jira.

Adoo Caamsaa dabre keessa mootumma an waan ogeeyyotii fayyaa jedhanii caqasee Antiwerp cufee namii akkana hin miidhamu.

Biritenitti guyyuma guyyaan nama 4,900 irratti vaayiresii kana argan. Awuroopaa haga tokko keesastti lafa akka Greece fi Xaliyaanaa faatii goomittaa qaban namii hujiiitti dadachahuutti jira.

Jermenitti ammoo COVID-19 guddoo mumullachuutti jira. Achitti ammoo nama kuma 20 tahutti qahee ooluu dadhamne gadi nu lakkisaa jedhee hiriira bahe.Taatullee mootummaatti dide.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG