WAASHINGITAN, DIISII —
Mootummaan Itiyoophiyaa gam-tokkoo muddama siyaasaa fi tasgabii-dhabinsa biyyattii keessatti babal’atetti furmaata barbaaduuf dirree siyaasaa babal’isnee mormitoota hirmaachisna – jechaa gama biraatiin immoo, “naga-eegumsa baratameen jeeqama biyyattii keessaa t’achuu hin dandeenyu” jechuun labsii yeroo muddamaa baasee jira. Tarkaanfiileen kun lameen hagam waliin deemu?
Kana irratti ka dhiheenya mana-hidhaatii hiikaman – dura-taa’aa Koongiresa Federaalawa Oromoo – Dr. Mararaa Guddinaa dubbisnee jirra. Guutummaa qophii keenyaa dhaggeeffadhaa.