Xurree ittiin seenan

Breaking News

Labsii Yeroo Hatattamaa Laaffisuu fi Hanqisuu Otoo Hin Taane Guutuummaatti Kaasuu Qabu :  KFO


Loogoo KFO
Loogoo KFO

Labsii yeroo hatattamaatti aansee qajeelfamoota waan dhorkaman kan ilaalee ka’aman keessaa hanga tokko laaffatuu fi kaan kaafamuu Komaand postiif barreessaa kan ta’an Obbo Siraaj Fageessaa torban kana tuuta oduuf ibsanii turan.Kanneen kaafaman keessaa ajaja mana murtii malee nama hidhuu fi sakata’aa gaggeessuu, dhaabbattotii misoomaa dinagdee invastmentiin fi qonnaa waliin wal qabatee uggurri sochii dhiya keessaa sa’atii kudha lamaa hanga barii kudha lamaatti uggurri sochii ka’amee ture kaafamee jira jedha.Kana Malees Raadiyoo Televiziyoona suraa fi marsariiti hawaasaa irra uggurri ka’ame ka’e jira.Sagantaan haaromsaa kanneen toannaa jala oolaniif kennamu dhaabachuu isaas dubbatanii jiru.Garu labsii yeroo hatattamaa kanaa guutummaatti kaasuuf manni marii bakka bu’oota uummataa raggaasisuu qaba jedhan Oddo SiraaJ Fageessaa.

Mummichi ministeera Itiyoophiyaa Obbo Haayla Maariyaam Dassaaleeny kamiisa Bitooteessa 16 bara 2017 mana marii bakka bu’ootaaf akka ibsanti hojii irra oolfamuu labsii yeroo hatattamaa kana uummata biyyatti keessaa harka 82tu deggere jedhan.

Gama kaaniin jaarmayaa mormituu kan ta’e Kongreesiin Fedaraalawaa oromoo waa’ee labsii hatattamaa irratti yaada kenneen hanqisuu fi laaffisuun gaaffii dhaabaa fi uummataa miti. Knaaf guutummaatti kaasuu qaba jedha.Labsiin yeroo hatattamaa hojii irra ituu hin ooliin dura iyyu komaand postiin kan fedhe gochaa ture jedha.Ummanni harkii 82 deggereera jedhanii dubbachuuf qorannaa isa kamtu mirkaneesse? Gaaffii jedhu kaasee jira.

Gabaasa guutuu kana caqasuun dhaggeefadhaa

Labsii Yeroo Hatattamaa Laaffisuu fi Hanqisuu Otoo Hin Taane Guutuummaatti Kaasuu Qabu :  KFO
please wait

No media source currently available

0:00 0:09:56 0:00

XS
SM
MD
LG