Daarekatarri Abbaa-aangoo Galiiwwanii fi Gumrukii Itiyoophiyaa, Obbo Kebbedee Caannee, gibiraa ilaalchisee mufannaan dhihaate ka furmaata argataa jiru ta’uu dubbbatu.
“Kanneen mufannaa dhageessisan keessaa dhibba irraa haga saddeettamaa gadi kanneen hin taaneef mufannaan isaanii ilaalamaa jira. Kanneen hafaniif immoo itti fufa. Achii booda immoo, ka sadarkaa tu jira. Ka sadarkaa irratti kanneen mufannaa qabanis haala wal-fakkaataadhaan ilaalamaa deema jechuu dha. Kun akka mudatu waan beekameef, sirni mufannaa dhaggeeffachuu kun diriirfame. Akkuma sanaan keessumsiisamu. Hojiin isaa, hojiin sadarkaa ramaduu gibira murtoodhaan kafalamu waan taheef, murtoon immoo tilmaama irratti kan hundaawe taha. Ragaa saayinsii irratti waan hundaa’e miti. Tilmaama. Tilmaama galii isaanii guyyaa irratti hundaawe. Isaan guyyaatti hamma kana gurguranna jedhu. Gama keenyaa immoo qorannaa irratti hudoofnee tilmaama isaa hammana jennee itti himna. Kana irratti addaan fageenyi yoo jiraate akkaataa walitti-dhihaachuu danda’utti irra-deebinee ilaallee, tilmaama namni gibira baasu sun kenne waliin akkaataa walitti dhihaatutti akka kafalu yokaan baasu taasisama – jechuu dha – aangwaan waajjira gibiraa federaalaa – Obbo Kebbedee Caannee.
Bulchiinsa naannoo Oromiyaatti, hoogganaan Biiroo Kuuminikeeshinii Mootummaa – Obbo Addisuu Araggaas, har’a dhimma kana irratti waahila keenya – Tsihoon Girmaatiin gaafatamanii akkana jedhan.
“Bulchiinsa naannoo Oromiyaa keessatti haga kaleessaatti ka ture. Godinaalee 19 qabnuu fi magaalaalee bulchiinsa naannoo kanatti waamaman gara 18tii tu jira. Kanneen keessaa ka suuqii isaanii cufuudhaan kaleessa mormii isaanii dhageessisaa turan, godinaa Horroo-Guduruu Wallaggaa, magaalaa Shaambuu tu ture. Har’a kun guutummaattti daldaltoota waliin mariin geggeessamee suuqiilee isaanii bananii jiran. Guyyaa har’aa bulchiinsa naannoo Oromiyaa keessa godinaalee fi magaalaalee jiran keessaa kan suuqiin kessatti cufame tokko illee hin jiru. Gabaasaan har’aa qindaawee na hin dhaqqabne malee hamma kaleessa galgalaatti mufannaaleen kuma toorbaatamii sagal ta’an koree mufannaa dhaggeeffatutti dhihaatanii jiran. Kanneen keessaa kuma tokko ka ta’aniif ilaalamee furmaatni itti kennamee jira. Mufannaan isaanii sirrii ta’uun mirkaneessamee sirraa’eefii akka kafalan taasisameefii jira – jedhanii jiran” Itti-gaafatamaan Biiroo Kuuminikeeshinii mootumaa naannoo Oromiyaa – Obbo Addisuu Araggaa. Magaalaa isaan maqaa dhahan dabalatee – jiraattonni godinaalee adda addaa keessa jiran hoo gama isaaniitiin maal jedhu? Bakkawwan adda addaatti bilbiluun haasofsiisnee jirra.