FINFINNEE —
Itiyoophiyaan barsiistota soorama bahaniifi hojii biraa irra jiran akka tola ooltummaan hojii barsiisuu irratti hirmaataniif waamicha goote.
Sababaa tatamsa’ina vaayirasii koroonaatiin dareen barnootaa dabalataa barbaachisuu waliin qabatee lakkoobsi barsiisota barbaachisanii dabaluun hojiin barsiisuu barsiisota irratti waan dabaleef akka tahetu himame.
Ministirri barnootaa Itoophiyaa Doktor Injinar Getaahuun Makuriyaa ”Anis nan barsiisa” jechuun sosochii eegalameen ofiillee har'a mana barnootaatti argamuun barsiisuu eegalaniiru.
Itti aantuun kantiibaa magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee gama isaaniin tola ooltonni kanneen biroon akka sosochii kanatti hirmaataniif waamicha taasisanii jiran.