Lammilee Ityoophiyaa hojii barbaachaaf jechhaa biyyaa bahanii biyyaa Mayaanamaar keessatti qabamanii turaaniifi acchi gadi lakisamanii gara biyyaa Taayilaanditti geesaman, gara biyyatti deebisuudhaaf gareen mootumman Ityoophiyaa akka garasitti ergamu ministeerri dhimma alaa Ityoophiyaa beeksiseera.
Ministeerri dhimma alaa ibsaa jimaata har’aa keneen akka beeksiseetti, lammileen Ityoophiyaa Maynamaar keessatti haala hamaa irra turan 246 biyya Taayilaand galuu isaanii ibsee, akka mootumaan biyyatti isaan debisuuf gargarsa gaafachaa jiraachuu isaanii ibsee jira.
Dhimma kana ilaalchisuudhaa jimaata har’aa ibsa kan kenna dubbii himaan ministeeraa dhimma alaa Obbo Nebiyaati Geetachewu gareen dipilomaatotaa mootummaa Ityoophiyaa Sambataa fi Dilbataa kana biyya Hindii irraa garaa Taayilanditti imaluudhaan haala Paaspoorti isaanii addaan baafachuudhaan garaa biyyatti akka isaan debisu ibsaniiru.
Ityoophiyaan Mayinamaarii fi Taayilaand keessa akka Embaasii hin qabnee kan ibsan Nabiyaat Geetaachewu , Embaasiin Ityoophiyaa biyya Jaappan jiru mootummma Mayinamaarii wajjin akka walquunamaa jiru himaniiru.
Karaa biraatiin, dhimma Eertiraa illlachisee yaada prezidaantiin mootummaa Ityoophiyaa duraanii dokteer Mulaatuu Teshoomee fuulaa mediyaa Al jaaziraa irratti kennan ilaalchisee kan gafataman Nebiyaat Getachewu , dokteer Mulaatuun haala naannoo sanaa irratti beekumsaa qabanu irra ka’uudhaan yaada dhuunfaa isaanii akka kennan ibsaniiru.
Haala lammiilee Ityoophiyaa yeroo ammaa biyya Taayilaand keessatti qabamanii jiraanuu ilaalchisee Taayilaand irraa yaada isaa sagalee Amerikaatif nammii keenne tookoo, mooraa inni keessa qubatee jiru keessa lammilen Ityoophiyaa 138 akka jiranu ibsee, isaan keessaa 12 shamaran akka ta’an himuu isaa Kenedii Abbatee Finfinne irra gabaasera.
Forum