Xurree ittiin seenan

Breaking News

Kanneen 800 Tahan Lammiileen Sudaan Waraansa Baqatanii Gondor Lixaa Keessa Turan Gara Sudaanitti Deebi’uuf Miillaan Deemsa Jaqaban


FAAYILII. - Namoota Sudaan magaala Galabaat irraa gara Matamaa deemaa turan, Hagayya 1, 2023.
FAAYILII. - Namoota Sudaan magaala Galabaat irraa gara Matamaa deemaa turan, Hagayya 1, 2023.

Lammiileen Sudaan waraana Sudaan keessaa baqaaf Itiyoophiyaa, Godina Gondor lixaa buufata baqattootaa Awulaalaa keessaa ba’uun daandii irra jiraachaa turan lakkoofsaan 800 kan ta’an gara Sudaaniitti deebi’uuf deemsa miillaan akka jalqabaniiran dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti Komishiniin dhimma baqqattootaa Sagalee Ameerikaaf ibseera.

Ji’oota Sadii darbaniif buufata baqattootaa naannoo Amhaaraa Godina Godor bahaa keessatti argamu Awulaalaa fi Kumeer keessaa sababoota rakkoo nageenyaa fi hanqina tajaajilaa nu mudate jedhaniin gara daandiitti ba’uun jiraachaa kan turan baqattoonni lammiilee Sudaan, dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti Komishiniin dhimma baqattootaa gara biyya sadaffaatti akka isaan dabarsu gaafataa turan, taa’uu baannaan garuu gara biyya isaanii kan waraana keessa jirtu Sudaaniitti akka deebi’an gaafataa turaniiru.

Baqattoonni gaaffii kanaaf deebii hin arganne jedhanis torbaan darbe Jimaata, Hagayya 3 bara 2016 gara biyya isaaniitti deebi’uuf adeemsa miillaan jalqabaniiru. Baqattoota lammii Sudaan adeemsa miillaan gara Sudaanitti imala jiran keessaa tokko kan ta’e Abdulsamad Naasir Sagalee Ameerikaatti akka himetti “Jimaata ganama sa’aatii 2 irraa eeggallee deemsa keenya kan eeggale yommuu ta’u qaamni deemsa keenya nu dhorke hin jiru, daandiirrattis rakkoon nu mudate hin jiru. Awulaalaa irraa fageenya KM 20 imallee magaalaa Mekkaa jedhamu bulle guyyaa itti aanu Genda Wuhaa magaalaa jedhamu jedhamu geenyeerra Awulaalaa irraa KM 60 kan faagatu. Roobni cimaan naannichatti roobu deemsa keenya hanga tokko dadhabsiisaa taasiisus gaariidha “jedheera.

Dhimma kanarratti kan gaafatame UNHCR deebii karaa imeeliin sagalee Ameerikaaf ergeen baqattoonni lammiilee Sudaan 800 ta’an gara Sudaanitti deebina jedanii deemsa gara daangaa Matammaatti jalqabuu isaanii ibsee, haala nageenyaa Sudan keessa jiruun garuu baqattoonni kunneen akka deebi’aniif haala mijeessuu irratti Komishinichi walii hin galle jedheera. Namoonni fedhii isaaniitiin ni deebina yoo jedhanimmoo dhoirkuu hin danda’u jedheera. Adeemsa hanga daangaa Matammaatti tsaaisan irratti rakkoon fayyaa kan isaan quunnamu yoo ta’e garuu Ambuulaansiin qaphaa’uu isaa ibseera.

Itiyoophiyaatti tajaajila baqattotaa fi warra baqarraa deebi’anii akkasumas bulchiinoota naannoo irraa dhimma baqattoota lammiilee Sudaan kan adeemsa miilaan gara biyya isaaniitti deebi’uu jalqabaniiranii ilaalchisee deebii argachuuf yaaliin taasisee naaf hin milkoofne jechuun Finfinneerraa Gebire Mikaa’eel Gebiremedihiinutu gabaase.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG