Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lammiiwwan Ameerikaa Gara Itiyoophiyaatti Akka Hin Imalle Akeekkachiisi Kenname: Ministrii Dhimma Alaa


Lammiiwwan Ameerikaa Gara Itiyoophiyaatti Akka Hin Imalle Akeekkachiisi Kenname: Ministrii Dhimma Alaa
Lammiiwwan Ameerikaa Gara Itiyoophiyaatti Akka Hin Imalle Akeekkachiisi Kenname: Ministrii Dhimma Alaa

Naannoo Amaaraa Gonder fi Baahir Daar keessatti walitti bu’iinsi itti fufuu isaa tuquu dhaan ministriin dhimma alaa Ameerikaa kan kana dura baatii Sadaasaa keessa baase akeekkachiisa imalaa har’as haaressuun baasee jira.

Labsiin yeroo hatattamaa itiyoopiyaa keessatti baatii Okoloolessaa keessa erga labsameen booda jeeqamni ka’uu fi ajaja seeraatiin ala hidhamuun jiraachuu waan danda’uuf ministriin dhimma alaa lammiiwwan United States gara biyya sanaatti akka hin imalle akeekkachiisee jira.

Akeekkachiisi imalaa har’a ba’e mootummaan Itiyoopoiyaa labsicha Bitootessa 15 waan dheeressuu isaa tuquu dhaan Gondarii fi Baahir Daar keessa amma iyyuu walitti bu’iinsi jiraachuu gabaasaaleen ibsaniiru jedha.

Akeekkachiisi kun mootummaan Itiyoopiyaa yeroo dhaa gara yerootti Interneetii fi tajaajila moobaayila harkaa waan cufuuf embasiin US lammiiwwan Ameerikaa Itiyoopoiyaa keessa jiran irra ennaa rakkinni ga’u tajaajila gorsaa kennuuf ni rakkataa jedha.

Kanatti dabaluu dhaan mootummaan Itiyoopoiyaa lammiiwwan Ameerikaa ennaa to’annaa jala oolchu embasiitti kan hin beeksisne ta’uu illee tuqee jira.

Akeekkachiisi sun lammiiwwan bakka mormiiin uummataa itti geggeessamu ykn wal ga’iin geggeessamu irraa akka fagaatan, yeroo mara nageenya naannoo isaanii akka to’ataniif of eeggatan yaadachiisee jira.

Akeekkachiisi imalaa kun kana duras yeroo adda addaatti kan ba’e waan ta’eef bal’inaan marsaa interneetii keenyaa afaanoromoo.voanews.com irraa argachuu dandeessan.

XS
SM
MD
LG