Universitiiwwan fi manneen barnootaa Oromihaa adda addaa keessatti leenjiin kennamaa jiraachuun gabaasamee jira. Kanneen irratti hirmaatan keessaa hangi tokko akka jedhanitti leenjiin kun kan kennamaa jiru sadarkaa barnootaan gita keenya kan hin taane, gaaffii nuti gaafanneef deebii kennuu kan hin dandeenye, leenjii isaan jedhan adeemsa baruu fi barsiisuu waliin kan wal qabate miti jedhu hirmaattonni kun. Magaalaa Naqamteetti kan argamu Universitii Wallaggaa fi Universitii Amboo mooraa guddicha keessatti geggeessamaa ka jiru leenjiin kun adeemsa bulchiinsa IHADEG kan waggoota 25, misoomatti milkoofne jechuu isaanii malee haala yeroo ammaa Oromiyaa fi naannolee Amaaraa keessatti tuqamaa jiru ilaalchisee illee waan jedhan hin qaban jedhu.
Leenjii kana kanneen kennan kaabineewwan ganda keessaa kanneen ijoollee keenya hiraarsaa jiran ka jedhan hirmaattonni waan biyyaafis ta’e adeemsa barnootaa fi waan nu fayyadu isaan irraa dhageenya utuu hin taane argamuun dirqama nutti taanaan dirqiitti hirmaataa jirra jedhu. Akkasis ta’ee uummatis dhaloonni boriis isin jibbe aangoo gad dhiisaa jennee gaaffii dhiyeessine illee akkaataa ittiin deebii kennan iyyuu hin beekan Oromoon aangoo mootummaa ijoos haa ta’u waraana keessaa taayitaa ol aanaa inni qabatee jiru maali? Maaf ajajaawwan waraanaa gameeyyiin Oromoo keessa hin jiraanne jechuuf gaaffii gaafanne iyyuu isaan nu dura qabsootti waan seenaniif bakka qabatan jechuun deebii qaaneessaa nuu deebisan jechuu dhaan hirmaattonni leenjii kanaa dubbataniiru.
Gabaasa sagaleetii kana cuqqaasaa