Bulchiinsa godina Harargee bahaa aanaa Mayyuu Muluqqee keessatti xumura torban darbee liyyuu poolisiin aanaa Somalee daangaa qaxxaamuruu dhaan loon saaman jechuu dhaan jiraattonni naannoo ibsanii jiru.
Ennaa dhuma kana loon tiksuuf kan faana ture mucaa umuriin waggaa 12 dargaggoo Shamsaddiin Ahmadiin illee iggitanii fudhatanii adeemuun ibsamee jira.
Dargaggeessi kun hanga ammaa eessa akka jiru hin beekamne deebisiisuufis yaaliin godhame hanga ammaa hin milkaa’in jiraachuu waajjira dhimmoota kominikeeshinii aanaa Maayyuu Mulluqqeetti itti gaafatamtuu kan ta’an aadde Beeyituu Abdurazaaq nuuf ibsanii jiru.
Liyyuu poolisii uummata Oromoo irratti bobba’ee haleelu kana illee kan hidhachiise mootummaa Federaalaa ta’uu aadde Beeyituun ibsanii deebiin kennamu laaffataa waan ta’eef nuti gama keenyaan humnoota keenya walitti qindeessinee nageenya keenya kabachiisuuf tattaafataa jirra jedhan. Meeshaa isaan hidhatanii nutti bobba’an meeshaa diina ofi irraa ittisan qabatanii waan ta’eef humni keenya wal gituu dhabuun miidhaa nu irraan ga’aa jira jedhan aadde Beeytuu Abdurrazaaq.