Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lolii Tigraay nama kuma hedduu Suudanitti baqachiise doktorii Tigraay tokko kaambii baqaa Hashabaatti mana akimii banee nama gargarutti jira


SUDAN-ETHIOPIA-CONFLICT-REFUGEES(ffile photo)
SUDAN-ETHIOPIA-CONFLICT-REFUGEES(ffile photo)

Lolii Tigraay nama kuma hedduu Suudanitti baqachiise ogeeyyotii fayyaa mana akimii kaambii baqaati jaarani namaan gargaaruutti jiran
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:58 0:00

Ogeessii addaa dhiba nafa keessaa,Darlyelo Geosh Suudanitti baqachuun duratti nama Itoophyaa naannoo Himooraatti guddoo beekan.

Isaa fi miilotii isaa, namii Itoophiyaa hedduun mana akimii diqqayyaa tokko kaambii baqaa Hashabaa Suudan Dhihaa,Qadariif keesstti bananii namaan wallaanan.

“Asii geennee jennaan mana akimii namaan gargaaran asi jiraachuu malee jennee walii galle.Biiroo Al-Qadarif irraa qorsa haga tokko argannee hojjachuutti jirra.

Qorsa ammaaf akka male namii qabaachuu male arganne.Dhiba namii rakkachuunittiin jiru: sukkaarii,TB,dhiba fi HIV namaan wallaanuuf asii qorsa hin qamnu.Laabratooriin dhiba kanaan laallatanilleen asi hin jirtu jedhe.

Kambii baqaa Hashaab keessaa qaraayyuu baqataa 16,000 dhiyaatutti keessa jira. Hagii guddaan haawwanii fi ijoollee harka 70 oli.Warrii baqate dhufe kun akka jecha bulchiinsaatti qorsa silaa ufii qabuuyyuu lafumatti jissee biraa baqate.Birhaanee Gebre Tsadiq ogeessa nyaata nafa namaat.

“Namii hedduun Tigraay Dhiyaa Homira, Maikdra fi Barakat baqate.Nama HIV qabu,TB, dhiba Sukkaaraa,fi dhiba dhiigaa itti guddate qabu hedduu.Qorsa qabanilleen lafumatti dhabbanii birraa baqatan.”

Dhaabilee addunyaa hedduu fi dhaabbileen Suudan baqataa gargaarumatti jiran.Dhibamaan wallaanii gargaarsallee alaa gaafachutti jiran.

Naashir Haashim Suudanitti itti guddaa koree baati diimtuuti.“Dhiba hedduu baqataa irratti argauutti jirra.Waan arginu kana ammo hawaasaa addunyaatti himuutti jirra.”

Daarekterii kaambii Hashabaa Musxafaa Ansaar gargaarsa gaafachuutti jira.

"Kaambii Hashabaatti rakkootti dabalaa deemumatit jira.Nama 15,557 rakkina akkanaa keessa jira. sunuu ka Suudanittuu jireennii jabaatetti.Tanaaf addunyaan quba nu qabaadhaa jechuutti jirra.

Gama kaaniin ammo akka bulchootii Suudan jedhanitti gama Itoophiyaatiin daarii haga tokko waan cufanii fi rakkoon Tigraa keessaalleen hammaatteen dhiyooo tana akka qaraa kaan miilii haaressi baqa yaahuutti hin jiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG