Xurree ittiin seenan

Breaking News

Lolli Kaaba Ityoophiyaa, Bakkawwan Akka Raayyaa Allamaaxaa Keessa Jiru Karaa Nagaa Akka Furmaata Argatu Gamtaan Afrikaa Gaafate


Dura taa’a komishiinii gamtaa Afrikaa Muusaa Fakii Mohaamat, Caamsaa 2, 2023.
Dura taa’a komishiinii gamtaa Afrikaa Muusaa Fakii Mohaamat, Caamsaa 2, 2023.

Dura taa’an komishiinii gamtaa Afrikaa Muusaa Fakii Mohaamat, muddamnii kaabaa Ityoophiyaa, keessumaa naannoo Raayyaa Allaamaaxaa, Zaattaa fi Hoofilaa keessa jiru akka isaan yaaddese ibsanii jiru. Musaa Fakii Mohaamat, gareewwan wal falmaa jiran haalaa diinummaa attattamaan akka qabbaneessan gaafatanii, waliigalteen nageenyaa mootummaa feederaalaa Ityoophiyaa fi Adda Bilisummaa Ummata Tigraay/ABUT gidduutti Afrikaa kibbaa keessatti mallateeffame akka guutummaatti hojii irra olfamuu hubachiisanii jiru.

Waldhabdeen siyyaasaa kutaa biyyaatti kana keessa jiruus akka marii dhaan hika aragatu dura taa’ichii gaafachuun isaanii gabaasameera. Ibsa gamataan Afrikaa jimaataa har’aa baase kana keessatti sababa waliti bu’insaa daangaa Tigraa fi Amaaraa irratti ji’a kana keesaa raawwateen namoottan kuma Shantama ta’an jireenyaa isaanii irraa buqqa’aniiru.

Mootummaan Naannoo Amaaraa ibsa torban darbe baaseen, umnoottan ABUT naannoo Raayya Alaamaatxaa umnaan weeraruu isaanii ibsuudhaan balaaleffaachuun isaa gabaasameera jira. Prezidaantii bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay Obbo Geetachewu Raddaa torban darbee ibsa fuulaa middiyaa hawaasaa X ykn Tiwuutar irratti keennaniin weerara naannoo Raayaa Allamaaxaa keessatti raawwatamee irratti kanneen hirmaatan, wareen farra waliigaltee Pritooriyaa akka ta’an ibsuun isaanii ni beekama.

Dhimmaa walti bu’insaa kanaa ilaalchisuudhaan Embaasonni biyyoottan adda addaa , kan Yunaayitid Isteets dabalatee kan Jaappaan, Biriiteenii fi Faraansaay waldhabdichii akka mariidhaan furmaata argatu fi siviilootaaf akka eegumsi taasifamuu gaafachuun isaanii gabaasamee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG