Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaant Baaydin Uummata Isaaniif Haasawaa Godhanii Jiran


Prezidaant Joo Baayiden
Prezidaant Joo Baayiden

Looltonni Yunaaytid Isteetes warri dhumaa kaleessa Afgaanistaan keessaa gadhisanii eega ba’an akkasumas, duullii waraanaa waggaa lamaaf gaggeeffamee xumuura eega argatee Taalebaan aangoo qabatee booda, prezidaant Joo Baaydin har’a uummata Amerikaaf haasawaa dhageesisuuf jiru.

Prezidaan Baaydin ibsa gabaabaa Wiixata kaleessaa kennaniin, humnootiin Amerikaa Hagayya 31 booda Afgaanistaan keessa akka hin turre maaliif akka murteessan ibsuuf jiru.

Prezidaant Baaydin fi miseensoonni bulchiinsa isaanii torbanneeniif yoo yeroo dabalataaf waraanni Afgaanistaan keessa turuu danda’ee jechuun mari’ataa turan.

Lammiwwan Amerikaa fi kan Afgaanistaan hedduminaan gamasii baasuun soda nageenyaa qabatamaa jiruun kana gochuun bu’aa fi miidhaa inni dhaqqabsiisuu irratti dubbataa turan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG