Xurree ittiin seenan

Breaking News

Maakroon Filannoo Prezidaantummaa Marsaa Lammataaf Injiifatan


FAAYILII - Prezidaantummaa Faransaayii Imaanu'ael Maakron fi haadha warraa saanii, Paaris, Eblaa 24, 2022
FAAYILII - Prezidaantummaa Faransaayii Imaanu'ael Maakron fi haadha warraa saanii, Paaris, Eblaa 24, 2022

Filannoo prezidaantummaa Faransaayii keessatti gaggeeffameen Imaanu’eel Maakroon mormituu isaanii Mariin Lee Peen injifachuun irra deebi’uun filatamanii jiru.

Maakroon sagalee 100 keessaa harka 58.5 kan argatan yoo ta’u Lee Peen immo harka 41.5 argatan. Kunis filannoo wal fakkaaraa bara 2017 gaggeeffame sana waliin ennaa ilaalmuu ba’iin amma argamee walitti dhiyoo dha.

Waggaa 20 keessatti prezidaantiin Farnsaayii marsaa lammataaf aangoo qabate kan duraa Maakroon ta’uun ibsamee jira.Isa duraa bara 2002tti prezidaanticha duraanii Jaak shiiraaq abbaa Le pen injifachuun angoo qabate.

Prezidaant Maakroon tokkummaa biyyatti eegsisuuf dhaadatan.Wa’ee lammiwwan keenya sagalee hin kenniin hafan hundumaas yaadaan jira.Calliinsii isaanii filachuuf diduu isaanii agarsiisa waan ta’eef deebii itti kennuu qabna.Dhuma irratti warra Le Peeniif sagalee kennan kanneen galgala kana mufannaa akka qaban beekamaa ta’ees kaniin ilaaluu ta’a jedhanii jiru.

Filannoo prezidaantummaa marsaa sadii keessatti dorgomanii kan hin milkoofne Lee Peen Inni kaleessaa kun kan sagalee guddaa itti argatan ture.Isaanis akka jedhanti yeroo kamiin iyyu caalaa murannee jirra.Uummata Faransaayiif dhaabchuuf feedhiin qabnu caalaatti jabaatee jira.Har’a hinaaffaa ykn xiqiin na keessa hin jiru.Injifatamuu kana irraa abdii horadheen jira jedhan Lee Peen.

Maakroon fi Lee peen imaammata biyya keessaa fi alaa kan ilaaleen garaagarummaa guddaa kan qaban ta’u falmii Robii dabree gaggeessan irraa hubatamee jira.

XS
SM
MD
LG