Kora paartii Rippaablikaanii guyyaa sadaffaaf kaleessa galgala geggeessame irratti Maayik Peens, marsaa lammataaf kaadhimamuu itti aanaa prezidaantummaa simatan. Maayik Osuliivaan akka gabaasetti ennaa walitti bu’iinsi magaalaalee Ameerikaa hedduu keessatti uumamaa jiru kanatti, Peens, waa’ee mormituu isaanii paartii dimokraatotaa akeekkachiisuu dhaan ergaa abdachiisaa dhiyeessan.
Peens, Baltimore kutaa MDtti kan argamu bakka lola bara 1812 keessa buufanni doonii humna galaana Briteeniin akka hin haleelamne ittisame Fort McHenry irraa haasaa dhageessisan.
Amantaa prezidaant Doonaald Traamp ana irraa qaban galateeffataa, deggersa ani paartii keenya paartii Ripaablikaaniif qabu ibsaa, ayyaana Waaqayyootiin, kabajaa dhaan itti aanaa prezidaantii Yunaaitid Isteetis ta’ee tajaajiluuf kaadhimamuu koo nan simadha jedhan.