Xurree ittiin seenan

Breaking News

Magaalaalee Sulultaa, Caancoo fi Fittaal Keessaatti Namoonni Kumaan Lakaaawwaman Guyyoota Sadi'iif Walitti Aansuun Hiriira Bahan


FAAYILII - Magaala Sululta, Naannoo Oromiyaa.
FAAYILII - Magaala Sululta, Naannoo Oromiyaa.

Jiraattonni Godina Shawaa Kaabaa kan naannoo Oromiyaa, humnootii Mootummaa fi waraana Bilisummaa Oromoo gidduutti nagaan akka bu’u gaafatanii jiran.

Godinicha keessaa jiraattonni magaalaalee Sulultaa, Caancoo fi Fitaal keessaa uummanni kumaan laka’amu guyyaa walitti aanu sadiif sagalee isaanii dhageessiuuf daandiitti ba’anii jiran.

Walitti bu’iinsi itti fufe kun miidhaa guddaa dhaqqabsiisuu isaa jiraattonni dubbataniiru. Hirmaattonni hiriirichaa angawoonni aanaalee fi godinaa, kaayyoo hiriirchaa maqsan jechuun qeeqan. Jiraattonni kun akka jedhanitti ajandaan hiriirichaa garee tokko balaaleffatee isa kaan deggeruuf utuu hin taane nagaan akka bu’u gaafachuu dha. Godina Shawaa Kaaaa magaalaa Salaalee Keessatti abbootiin Gadaa dhibbaan laka’aman kan irratti hirmaatan jalqaba torban darbee geggeessamee ture.

Torban kana Oromiyaa naannoo Shaggar keessatti garee lamaan gidduutti lolli haaraan ka’uun gabaasamee jira. Walitti bu’iinsi bara 2018 qabee humnootii mootummaa fi WBO gidduutti itti fufee jiru du’uu fi qe’ee irraa buqa’uu namoota dhibbaan laka’amaniif sababaa ta’eera jechuu dhaan gareeleen mirga namaaf falman beeksisaniiru.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG