Manni murtii yakkaa aduunyaa biyya Veenzuweelaa bulchiinsa prezidaant Nikoolaas Maaduuroo jala jirtu keessatti yakka dhala namaa irratti raawwate qorachuu jalqabuu isaa ibseera.
Abbaan alangaa mana murtii yakkaa aduunyaa Kaariim Khaan erga dawwanaa guyaa sadii magaala gudditti biyyatti Kaarakaas keessatti taasisanii booda prezidaant Nikolaas Maaduroo wajjin walgaltee qorannoo geggeesisuu isaan dandeesisu mallatteesuu isaanii ibsaniiru.
Manni murtichaa dhaabbata mootummoota gamtoomanitin deggeramu Kun waligaaltee inni mootumma Veenzuweelaa waliin taasise akka haanga’onnii biyyattii qorannoo taasifamuuf deemuf tumsa agarsiisan taasisa.
Dhimma Veenzuweelaa irratti adda addummaa siyaasaa adduunyaa irra jiru akka beekan kan dubbata abban alaangaa mana murtichaa qaamnii isaan bakka bu’an akka siyaasa hin ojjanne dubbataniiru.
Walii galteen mallatteeffamee, dhugaadhaa fi haqa mootummaa Veenzuweelaa fi abba alangaa mana murtii yakkaa adduunyaa gidduu jiru qorachuudhaaf jedhaniiru Prezidaantiin Veenzuweelaa Nikoolaas Maaduuroo.
Yemmuu abbaan alangaa mana murtichaa venzuweelaa keessa turan mormitoonii mootummaa Nikoolaas Maaduroo karaa irratti bahuudhaan mootummaan akka ijoolle isaanii dhaban ibsaa akka turan gabaasameera.
Qorannoon kun jalqabamuu isaatiin biyyi Veenzuweelaa akka biyyoottan Afrikaa warren qorannoon mana murtti adduunyaatin irratti taasifamaa jirutti dabala jedhameeraa.
Veenzuweelaan biyyoottan Ameerikaa kibbaa keesaatti argaman keessaa tokko ta’uun ishee ni beekama.