Xurree ittiin seenan

Breaking News

Manni Murtee Olaanaa Keeniyaa Murtee Labsii Pirezedentummaa Biyyattii Labsame Kuffise


Pirezident keeniyaattaan murtee kana mormus waan manni murtee jedhe nan kabaja jedhaniiru. Galmoo Dawit Naayiroobii dabalata qaba.

Manni Murtee Keeniyaa filannoon Pirezedaantummaa biyyattii haalli inni itti gaggeeffameef lakkaawame haqa kan hin qabne ture jechuun filannoon Pirezedaantummaa Keeniyaa irra deebiin akka godhamu ajaje. Hagayya 8 bara 2017 ka gaggeeffamee ture filannoo biyyaalessaa Keeniyaa irratti Pirezedaantiin biyyattii Keeniyaattaan injifatanii akka turan ka labsamee ture tahus, dorgomaan isaaniin falman Raayilaa Odiingaa qabxiin filannoo kuni sirrii akka hin taane mormuudhaan gara mana murtii deemuun erga himataniin booda murteen harraa kuni kan ragga’e. Abbaan Alangaa murtee kana dabarsan Deeviid Maaraagaa, Boordiin Filannoo Keeniyaa filannoo kana akka heera keeniyaa fi labsii filannoo biyyattiitti hin gaggeessine jechuudhaan qabxii filannoo kana kuffisaniiru.

Haala murtee harra darbe kanaa ilaalchisees Abbaan Alangaa Deeviid Maaragaa waanni hundi guyyoota 21 keessatti sabaaf akka ifa tahu himaniiru. Filannoo Pirezedaantummaa Keeniyaa Hagayya 8, 2017 irratti haalli lakkoofsa bu’aa filannoo pirezendaantummaa rakkoo qaba ture jechaan mormitoonni hedduu mormaadha turani. Yoggusis Raayilaa Odiingaa qabxileen labsamaa jiranii fi kan giddugalawwan filannoo biyyattiirraa dhufan wal hin siman jechuun ibsanii turani. Harras yoo murtee kana dhagayan murteen harra Keeniyaa keessatti darbe Afriikaa Keessatti ka jalqabaati jedhani.

Filannocha moo’atan kan jedhaman prirezident Keeniyaattaan dubbii murtee kana booda dubbataniin, dhuunfaatti akka murtee kana hin fudhanne himanii garuu akka murtee mana murtii biyyattii kana kabajan himaniiru.

Murtee kana booda deeggartoonni Raailaa Odiingaa Mana murtee biyyatti duratti gammachuu ibsaniiru. Haala seera keeniyaatti filannoon irra deebi’uuf murtaa’e tokko guyyoota 60 gidduutti gaggeeffamuudha qaba.

Manni Murtee Olaanaa Keeniyaa Murtee Labsii Pirezedentummaa biyyattii labsame Kuffise
please wait

No media source currently available

0:00 0:04:23 0:00

XS
SM
MD
LG