Xurree ittiin seenan

Maqaa 'ABUT 'n  Jajjabeessuuf' Jedhuun Buusiin Akka Irraa Funaanamaa Jiru Buqqaatonni Shiree Indaasillaaseetti Dahatanii Jiran Dubbatan 
Breaking News

Maqaa “Adda Bilisummaa Uummata tigraay (ABUT)n jajjabeessuuf” jedhuun maatii tokkoon tokkoon isaanii irraa Qarshiin 200 akka arjoomaniif dirqisiifamaa akka jiran buqqaatonni naannoo Tigraay magaalaa Shiree Indaasillaase keessatti waggoota Afuriif daahaatanii jiran Sagalee Ameerikaatti dubbatanii jiru.

Godaantoonni kunis waan sodaanneef abdii kutannee kennuuf dirqamne jedhanii, Yoo qarshii hin gumaachine gargaarsa argachuu keessa isin hin gaachiifnu jedhu, mootummaa maaliitu jira?Uumaan 'Mootummaa gaarii nuuf haa uumuu' jedhan."

Buqqaatuun biraa maqaan ishee akka hin ibsamnee gaafattee fi giddugala baqattootaa Freswaat jedhamu keessa jiraattu akka jettutti, yeroo gargaarsi fudhattee baatuu balbala irratti eeganii humnaan dhaabaaf akka qarshii baaftu na dirqisiisan jette.

Sagantaan Nyaata Addunyaa (WFP) xalayaa komishinii bulchiinsa hoggansa sodaa balaa naannoof akka barreesseen, buqqaatonni haaleellaaf saaxilaman dirqisiisuun paartii tokkoof maallaqa akka arjooman gochuun sirrii miti jedheera.Dhimma kana ilaalchisee Qindeessaan waajiira Adda Bilisummaa Uummata Tigraay Dhiyaa Obbo Woldee Abrahaq Gabratsadiiq yeroo gaafataman, waggaa waggaan miseensonni fi deeggartoota paartii irraa maallaqa walitti qabuun dhaabicha cimsa jedhanii, garuu buqqaatota irraa maallaqa walitti qabuuf karoora akka hin qabne dubbataniiru. Kanneen qe'ee isaa irraa buqqa'anii ta’anii fedhii isaaniitiin paartichaaf maallaqa kanneen gumaachan akka jiran garuu himaniiru jechuun Muluugeetaa Atsbahaa Maqalee irraa gabaasee jira.

Forum

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait
  • Auto
  • 240p
  • 360p
  • 480p
  • 720p
  • 1080p

No media source currently available

0:00 29:59 0:00
  • Auto
  • 240p
  • 360p
  • 480p
  • 720p
  • 1080p
More
XS
SM
MD
LG