Xurree ittiin seenan

Breaking News

Maqalee Keessatti Talaalliin COVID-19 Kennamuu Eegale


Magaalaa Maqalee keessatti baatii Bitootessa darbee qabee namoota qorannaa vaayiresii fudhatan dhibba irraa harki 37 vaayiresichaan qabamuu waajjirri eegumsa fayyaa naannoo tigraay Beeksisee jira.

Waajjirichi magaalattii keessaa hanga ammaatti namoonni kummi 23 talaallii vaayiresii koronaa fudhachuu beeksisee jira. Qorannaa fi talaalliin kun magaalaalee naannoo sanaa ka biroo keessatti geggeeffamuuf karoorfamuun illee ibsamee jira.

Kanneen hospitaala Ayider keessatti talaallii sana fudhataa utuu jiranii ani arge obbo Tesfuu Tekkaa jedha Mulugeta Atsbehaa, hawaasichi ilaalchi inni COVID-19f kennu xiqqoo dha jedhanii, guyyoota xiqqoo as garuu namoonni mala ittiin of irraa ittisan gargaaramuu isaanii arguu dubbatu jedhee jira.

Talaalliin sun kennamuu ennaa eegalu hospitaala Ayideritti talaallii sana guyyaatti namoonni 10 qoftu fudhataa akka tureef amma garuu hanga namoota 200 ga’anii tallalamaa jiraachuun ibsamee jira. Ogeessota hospitaalichaa biraa ragaan argame akka ibsutti, hanga kaleessaatti namoonni kuma sadii ta’an tallaalii kana fudhataniiru jedha Mulugeta Atsbeha Meqelee irraa.

XS
SM
MD
LG