Dura taa’aa paartii Kongresii Federaalawaa Oromoo fi itti aanaa dura taa’aa paartii Medrek kan ta’an Dr. Mararaa Guddinaa Roobii darbe gara Washington DC-tti imaluuf gara buufata Xayyaara Boolee erga ga’anii booda ofi irra deebisamuu dubbatu. Mi’a isaanii erga fe’atanii booda keellaa sakatta’aa bira ennaan ga’u jedhan Dr. Mararaan PaasPoortiin Kee meeshaa dubbisu jala darbuu hin dandeenye naan jechuu dhaan akkan deebi’ee sirreeffadhu natti himan jedhan. Paaspootiin koo rakkoo tokko hin qabu Visa ittiin deemus qabaa.
Yeroon isaas itti hin darbine kan jedhan Dr. Mararaan zayita, urgooftuu ykn bishaan itti bu’eeraa kanaaf hin hojjenne ta’a sababaa jedhu naaf ergan. Paaspoortiin harkatti qabadhee jiru garuu qulqulluu homtuu kan itti hin buune ture jedhaniiru. Immigraashinii dhaqii gaafadhuu jechuun natti himamee, achis dhaqee gaafadhu hamma har’aatti na deddeebisuu irraan kan hafe deebiin argadhe hin jiru. Amma iyyuu eegaan jira jechuun Dr. Mararaan nuuf ibsanii jiru.