WASHINGTON, DC —
Paartiin tokkummaa Federaalawaa dimokraasummaa MEDREK Dr. Mararaa Guddnaa hatattamaan hidhaa dhaa akka gad dhiisamanii fi mootummaan paartilee mormituu waliin mari’achuu akka jalqabu gaafate. Sababaan Dr. Mararaan hidhamaniif sababaa fudhatama hin qabne, walii galtee mootummaa wlaiin irra ga’ame illee ka cabsu jedhee jira. Hidhamuun Dr. Mararaas nagaa fi tasgabbii biyyattii balaa irra buusuu ka danda’u ta’uu isaa illee yaaddoo qabu gamtaan MEDREK ibsa barreeffamaan Kamisa har’aa baaseen beeksisee jira.