Paartiin aangoo Mootummaa harkaa qabu, Ihadeg, dhiheenya kana paartiilee mormitootaa 21 gara galma mootummaatti waamuudhaan, haala itti wal-dhibdeen biyyattii keessaa furamu irratti mormitoota waliin mari’achuuf qoha’uu isaa beeksisee ture. Kana irraa ka’uudhaan, moodaaliitii yokaan sirna mariin kun itti geggeessamu, eenyu akka marii sana hoogganuu fi eenyu akka taajjabduu ta’u irratti akka paartiileen mormitootaa yaada isaanii (proposal) barreeffamaan dhiheessan beekkama kennee, paartiileen guyyaa beellamaatti sana dhiheessanii jiran. Garuu, mariin sun itti fufuuf, kanneen mormitootaa fi paartii mootummaa gidduutti wal-amantaa jabeessan, tarkaanfii gama mootummaa tii eegnu qabna – jedhu –paartiileen mormitootaa.
Waga’iin Ihaadeg fi paartiilee mormituu gidduu marsaan sadaffaa Jimaata dhufu kana geggeessama. Deemsa haga ammaatti deemamee fi kanneen fuul-duratti eegaman ilaalchisnee, Koongiresa Federaalawa Oromoo irraa Obbo Xuruneh Gamtaa haasofsiisnee jirra.
Kana cuqaasuudhaan guutummaa gaaffii fi deebii kanaa dhaggeeffadhaa