JIMMA —
Hojiin haaroms masaraa Abbaa Jifaar akka eegalamuuf waliigalteen gargaarsa mootummaa Yunaayitd Isteetis, Dhaabata World Fund jedhamuu fi Abbaa-taayitaa Qoranaa fi Kunuunsa Hambaalee Federaala gidduutti malattefamee jira.
Sirna kana irratti kanneen dubbatan keessaa tokko, Itiyoophiyaatti ambaasaddarri Yunaayiti Isteets – Maayikil Reener, “masaraan Abbaa Jifaar agarsiiftuu qaroomina biyya Itiyoophiyaa ti.” Jedhan.
Masararicha Abba Jifaar haaromsuun baatiilee kudha sadeet kan fudhatu tahuunis sirna kana irratti himamee jira.