Xurree ittiin seenan

Breaking News

Melaaniyaa Tramp Gumii Ripaablikaanotaa Har’aa Irratti Haasaa Dhageessisuuf Jiru  


Giifti duree Yunaayitid Isteetis, Melaaniyaa Tramp
Giifti duree Yunaayitid Isteetis, Melaaniyaa Tramp

Giifti dureen Yunaayitid Isteetis Melaaniyaa Tramp gumiin biyyoolessaa kan garree ripaablikaanotaa halkan lammaffaa geggeessamuuf jiru irratti har’a White House Rose garden irraa haasa ijoodhageessisuuf jiru.

Qindeesitoonni akka jedhanitti mata dureen har’aa Dachii waadaa kan jedhu yoo ta’u namoota beekamoon haasaa dhageessisuuf jiran keessaa ministeera haajaa alaa Maayik Poompeyoo, Seneter Rand Paul, bulchaa Iwa Kim Renolds fi ijoollee prezidaant Traamp lama Erik fi Tffanytu keessatti argamu.

Gumiin kun kaleessa galgala kan jalqabame Tramp waltajjiitti ba’uu dhaan battala haala weerara vaayiresii koronaa itti qabanii fi rakkoo dinagdee furuuf itti milkaa’uun isaanii marsaa lammataaf akka injifataniif dhimmi ijoo ta’uu dubbatan.

TV biyyoolessaa irratti sirna darbe irratti Tramp hojjettoota eegumsa fayyaa White Housetti argaman kanneen faallaa ilaalcha lammiiwwan ameerikaa hedduu dhaabatanii fi haala isaan weerara vaayiresii koronaa itti qaban galateeffatan harka fuuchaa turan.

Trampis isin garee ajaa’ibaa ti jechuu dhaan ogeessota eegumsa fayyaaf kan lubbuu 177,000 ol glaafate jechuun galmeen Yuniversitii Joon Hopikins tuqe irraa namoota COVID 19 irraa dandammate simataniiru.

Booda irras kutaa diplomaasummaa keessatti Tramp namoota erga tattaaffiin diplomaasummaa ennaa bulchiinsa isaanii geggeessameen booda hidhaa biyyootii alaa keessaa gad dhiisaman waliin wal arganii jiran.

XS
SM
MD
LG