Meskii Mangee shamarran Miidiyaa Hawaasummaa irratti dhageettii fi hordoftoota baayyee horatan, ‘social media influencer’ jedhaman keessaa takka. Hojii aadaa beeksiisuu, faashinii fi beekisaalee biroo irratti hojjatti.
Kana malees, Oromiyaa godinaalee adda addaa deemtee dhimmoota hawaasummaa irratti karaa YuTiyubiitin sagantaa dhiheessite keessaa "Oolmaa Aayyoo," mata dure jedhuun jiruun dubartoota Booranaa maal akka fakkaatu viidiyoodhan galmeesitee hordoftoota ishiitif dhiheesiteetti. Garuu hojii wal-fakkaatu baayyinaan hojjachuuf deeggarsa dhabuu irraa ammatti yeroof dhaabuu ibsiti.
Waayee hojiiwwan amma ammaatti hojjattee, karoora gara funduraa fi gufuuwwaan bifa hojii kanaan nama muudatan irratti Maskii dubbisnee, dhaggeeffadha.