Xurree ittiin seenan

Breaking News

Miidhaalee Tigraay Keessatti Dhaqqaban Tokkkummaan Mootummootaa fi Koomishiniin Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa Gamtaan Qorachuuf Walii Galan


Faayilii - Namoota qehee irraa buqahan Yunversitii Axuum Shiree keessatti, Guraandhala 23, 2021
Faayilii - Namoota qehee irraa buqahan Yunversitii Axuum Shiree keessatti, Guraandhala 23, 2021

Hooggantuun Mirga Namoomaa ka Tokkummaa Mootummootaa, Misheel Baachileet, Tigiraay gama Kaabaa, ka tarii yakki waraanaa keessatti raaw’atamee jira, jedhan keessatti akka qorannaan walitti-dhufeenyaan yokaan Gamtaan geggeessamu gaaffii gama Itiyoophiyaan dhihaatetti kan waliigalan tahuu dubbatanii jiran.

Tokkkummaan Mootummootaa waa’ee ajjeechaa fi miidhaalee Tigiraay keessatti geggeessamee yaaddoo qabaachuu isaa kan ibse yoo tahu, Ministarri Dhimma-alaa Yunaayitid Isteetis, Antonii Bilinken immoo gochaan Tigiraay keessatti raa’ate sun akka haleellaa fixinsa gosaatti ibsanii turan. Moaotummaan Itiyoophiyaa gama kaaniin, dubbii Bilinken sana hin fudhanne.

Kan Mootummaa Itityoophiyaatiin bulfamu, Koomishiniin Mirga namoomaa Itiyoophiyaa akka miidhaalee Tigiraay keessaa sana irratti qorannaan walitti-dhufeenyaan geggeessamu gaaffii dhiheesseef, Waajirri Koomishina Mirga Namoomaa ka Tokkummaa Mootummootaa akka deebii qajeelaa yokaan waliigaltee kenneef Dubbi-himaan Koomishinichaa, Joonaataan Faawuler kaleessa dubbatanii jiran.

"Waajirri Mirga Namoomaa ka Tokkummaa Mootummootaa fi Koomishinni Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa amma gamtaadhaan karoora qorannaa sanaa baasaa jira. Qorannicha sana dafanii geggeessuuf qabeenyaa barbaachisuu fi qajeelfama ittiin qorannichi geggeessamu qopheessuu faa of keessaa qaba, karoorichi,” jedhan – Faawuler. Himannaa dhiittaa mirga namoomaa, jedhame sana irratti akka qorannaan geggessamu ogeeyyii sadarkaa Addunyaa waliin hojjechuuf qophii tahuu isaa, Ministiriin Dhimma alaa Itiyoophiyaa Sanbata dabre dubbatee ture.

XS
SM
MD
LG